Fana: At a Speed of Life!

Duudhaaleen Oromoo deebi’anii akka latan bu’uura seeraan mirkaneessuuf ni hojjetama-Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) – Duudhaaleen Oromoo deebi’anii akka latan, mallattoo Oromoo ta’uun addunyaaf hambaa akka ta’aniif bu’uura seeraan mirkaneessuuf ni hojjetama jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurraamaan.

Aadde Sa’aadaan “Masqala Mootii Ayyaanaa baga geessa” jechuun ergaa dabarsaniru.

Ayyaanni Masqalaa duudhaalee fi falaasama uumaa fi uumamaa hedduu of keessatti kan haammate ta’uu eeruun, daraarawwan dachee magariisaa Masqalatti simboo addaa horuun mallattoo simannaa bara haaraa ta’uun kan kabajamuudha jedhan.

Caffeen Oromiyaas, duudhaalee Oromoon kaleessa qabeenya ummata ta’uu hubachuun deebi’anii akka latan, mallattoo Oromoo fi hambaa addunyaa akka ta’aniif bu’uura seeraa qabsiisuuf hojii qabatamaan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Ummanni, wayita ayyaanota akkanaa kabaju walitti dhufee, waan qaburraa waliif qooduun gammachuufi jaalalaan tokkummaan waliin kabajuu kan aadeffateedha jedhan

Ayyaana kana irrattis, nageenya qe’eefi naannoo ofii mirkaneessuu keessatti ummanni keenya qooda olaanaa qabu adda durummaan bahachuu akka qabu hubachiisaaniiru.

Masqalli baranaa kan nagaa, gammachuu, milkaa’inaafi badhaadhinaa akka ta’u hawwiin qaban ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.