Fana: At a Speed of Life!

Duulli talaallii ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa Guraandhala 25 eegala jedhame

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)-Talaaliin Kaansarii Fiixee Gadammeessaa Guraandhala 25-29, 2016 bifa adda guddattoota umrii 14’f duulaan kan kennamu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerichatti Gorsaan Hojii Rawwachisaa Dursaa, Garee Talaallii Haadholii, Dargagoota Guddatoo fi Daa’immanii Obbo Tamasgeen Lammaa, Itiyoophiyaatti Kaansarii Harmaatti aanee sodaa olaanaa kan ta’e kaansariin Fiixee Gadammeessaa du’aatii geessisuun sadarkaa 2ffarratti kan argamuu ta’uu dubbataniiru.

Walquunnamtiin saalaa daangaa hinqabne, umaamuu Vaayirasichaf sababa jalqabaa ta’uu eeruun, talaalliin Ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa Guraandhala 25-29, 2016 bifa addaan guddatoota umrii 14 qofaaf kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Talaallichi waggaatti yeroo lama kennamaa turuu eeruun, kunis yeroo tokko akka ta’uu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbiilee Barnootaatti xiyyeeffannoo kennuun hojiin hubannoo uumuu fi hojiileen dursanii ittisuu akka hojjetamu dubbachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaatti waggaatti sababa Kaansarii Fiixee Gadameessaan lubbuun namoota kuma 5 ol yoo darbuu, dubartoota umrii 14 ol jiran shan keessaa afur bara jireenyaa isaanii Kansarii Fiixee Gadammeessaaf saaxilamoo ta’uu qorannoon ni argisiisa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.