Fana: At a Speed of Life!

Ejansiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa “Ityoophiyaatti siistema vaayrasii koroonaa (COVID 19) too’atuu fi ittisu” qopheesse

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Ejansiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa “Ityoophiyaatti siistema vaayrasii koroonaa (COVID 19) too’atuu fi ittisu” qopheesse.

Siistemni Ejansiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa qopheesse odeeffannoo garagaraa kan laatu yoo ta’u;
kanneen keessa:-

.Odeeffannoo Vaayrasi koroonaa akka biyyatti, Ardii fi idila addunyaatti hordofuun

.Naannoo vaayrasichaan faalame adda baasuun
.Mallatoolee, of eeggannoo fi yaala vaayrasichaa irratti odeeffannoo argachuun

.Ogummaa garagaraa fi namoota tola ooltummaa irratti fedhii qaban galmeessun.

.Deeggarsa garagaraa walitti qabuun

.Odeeffannoo hawaasa fayyadu eeruun

.Bu’uuralee misooma barbaachisoo ta’an( hoospitaala, mana qorichaa, buufata poolisii) ilaaluun, akkasumaas odeeffannoo biroo tamsaasuuf siistema fayyadudha.

Siistemichi guyyaa boruu Bitootessa 14, 2012 bakka Ministeerri Fayyaa fi qaamooleen qooda fudhattoonni argamanitti ifatti tajaajila laachu ni eegala.

Ejansiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa hojii vaayrasi koroonaa ittisuu fi to’achuu cimsee akka itti fufu ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.