Fana: At a Speed of Life!

Ejjennoon Ityoophiyaa yeroo ammaa Guutinsa Hidha Haaromsaa fi Bulchiinsa guutinsaa qofarratti mari’achudha – Ambaasaaddar Diinaa

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Ejjennoon Ityoophiyaa yeroo ammaa Guutinsa Hidha Haaromsaa fi Bulchiinsa guutinsaa qofarratti mari’achuu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa torbee laataniiru.
Mariin Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi Hidha Haaromsaarratti mariisisummaa Gamtaa Arfikaan Rippablika Diimookiraatawaa Koongoo Kinshaasaatti gaggeeffame waliigaltee malee xummuramuu ibsaniiru.
Marii biyyoota sadanii mariisiisummaa Gamtaa Afrikaarraa fageessuuf dhiibbaa taasiifamaa jiru Ityoophiyaan goonkuma hin fudhattu jedhan.
Gaaffii Muummeen Ministirri Sudaan Abdallaa Hamdook dhimmichi ‘marii cufaan’ akka gaggeeffamu gaafatan Ityoophiyaan xiyyeeffannoon kan ilaaltu ta’uu himaniiru.
Weerara Sudaan lafa Ityoophiyaarratti gaggeessitee fi miidhaa qabeenyaarraan qaqqabsiisaa jirtu dhaabsiisuuf hawaasni idila addunyaa fi biyyoonni michuu Ityoophiyaa dhiibbaa uumuu akka qaban Ityoophiyaan waamicha ni dhiyeessiti jedhan.
Deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay cimee itti fufuus ibsaniiru.
Sooddoo lammaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.