Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa Ciree Nyaachuun qabu

Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC) – Ciree Nyaachuun faayidaalee hedduu qaba.

Faayidaalee Ciree Nyaachuun qabu keessaa maraasa:-

* Anniisaa ni kenna.

* Hojii fi barnoota irratti si’oomina ni dabala.

* Dandeetti yaadachuu fi xiyyeeffannoo ni gabbisa.

* Haala-amala yeroo ni fooyyessa.

* Madiinummaa qaamaa ni gabbisa.

* Carraa ulfaatina garmalee fi furdinna garmalee ni hir’isa.

* Hammi sukkaara dhiigaa madaalawaa akka ta’u ni garagara.

Kunis carraa dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessootiin qabamu ni hir’isa.

* Fayyummaa onneetiif gaariidha.

* Guddinna rifeensaa fayya-qabeessa ta’eef barbaachisaadha.

Nyaatonni cireedhaaf filatama ta’an: midhaan guutuu kanneen akka qamadii, garbuu, ajjaa, boqqollaa, Mishingaa fi Ruuza irraa qophaa’aan.

Akkasumas faayibaraan kan guutaman, madda pirootiinii fayya-qabeeyyii ta’an kanneen akka atara, baaqelaa, Missira, Loozii, Birokolii, Abukaadoo, Dinnichaa, Aanan, Qurxummii fi kanneen biroon kan badhaadhan filatamoo ta’uu Ogeessi yaala Fayyaa Dooktar Nuureddiin Lukeen ni dubbatu.

Gama biroon Nyaataaleen akka Foon Diimaa, Cooma, Dhadhaa, Nyaata dibataaleen itti baay’atan,akkasumas garmalee mi’a’oo ta’an kanneen akka Keekii, Kuukisii, Buskuutii, dhugaatiileen sukkaara qabanii fi nyaanni Ashaboonni itti baay’atu cireef hin gorfaman.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.