Fana: At a Speed of Life!

FAO’n Booranaaf deeggarsa margaa Beelii kuma 5 fi 700 taasiise

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa (FAO) Godina Booranaatti hawaasa horsiisee bultootaa sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa margaa Beelii kuma 5 fi 700 taasiseera.

Dhaabbatichi waliigalaa marga beelii kuma 51 fi 466 deeggarsa taasise keessaa marsaa jalqabaatiin marga beelii kuma 5 fi 700 geejjibsiisuu Ityoophiyaatti Bakka Buutuun Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Farmee Ziimudzii himan.

Dabalataanis ummanni akka dandamatuuf deeggarsa hojiilee qonnaa kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

Ittaanaan Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo deeggarsa taasifameef galateeffachuun deeggarsichas, horsiisee bultoota Aanaalee Dubuluqi, Dirree fi Miyoof dabarsuu ragaan Kominikeeshinii Godina Booranaarra argame ni mul’isa.

#Boorana

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.