Fana: At a Speed of Life!

Faransaay Doolaara biiliyoona 1.5 Sudaaniif liqeessuuf waadaa galte

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC) – Mootummaan Faransaayi Sudaan liqaa irra jiru akka deebistu gargaaruuf Doolaara biiliyoona 1.5 bifa liqaan kennuuf waadaa galeera.

Sudaan liqaa guddaa dhaabbilee idila addunyaaf deebisuu maltu keessaa harki caalu kan dhaabbata fandii maallaqa idil addunyaati jedhame.

Maallaqni Faransaay Sudaaniif liqeessitu kun liqaa Doolaara Biiliyoona 50 ta’u dhaabbileen maallaaqaa akka IMF fi Baankiin Addunyaa biyyattiirraa qaban sirna biyyoota hiyyeeyyii liqaan itti baayyateef liqii haquurraa akka fayyadamtu carraa bana.

Sudaan qoqqobbiiwwan diinagdee fi qolliffannaa biyyoota lixaa bara bulchiinsaa Preezdaant Omar-al-Bashiir jalaa erga baate reefuu fayidaa warra lixaa argachuu eegalti.

Muummeen Ministiraa mootummaa ce’uumsaa Sudaan Abdallaa Hamdook biyyattii kufaatii diinagdee fi qaalayinsi gatii hanga 300% gahe keessa baasuuf yaalaa jiru jedhame.

Maddi:- BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.