Fana: At a Speed of Life!

Fedhiin Lammiileen dhiiga arjoomurratti agarsiisan seenaa gumaachaa dhiigaa Ityoophiyaa kan jijjiire ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Fedhiin Lammiileen dhiiga arjoomurratti agarsiisan seenaa gumaachaa dhiigaa Ityoophiyaa kan jijjiire ta’uu Baankiin Dhiigaa Biyyaalessaa ibseera.
 
Haleellaa gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisaarratti raawwate hordofee dhiigni hammaan olaanaa ta’e akka walitti qabamu sababa ta’uu Daayreektarri Tajaajila Baankii Dhiigaa Biyyaalessaa obbo Yaaragaan Banteen Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.
 
Baatii Sadaasaa 2013 qofa dhiigni walitti qabame isa kana dura waaggaatti walitti qabamu caala jedhan.
 
Baatii Sadaasaa Dhiigni Korojoon kumni 38 walitti qabamuu kaasaniiru.
 
Baatii Adooleessa fi Hagayyaa keessaa lammiileen itti fufiinsaan hamma dhiigaa daraan olaanaa ta’e gumaachuu himaniiru.
 
Dhiigni namni tokko gumaachu lubbuu namoota 3 baraaruu akka danda’u ibsaniiru.
 
Tigist Abrahaamtu gabaase.
 
FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.