Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukii fi Twiitariin neetwoorkii Raashiyaa cufan

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC)- Feesbuukiin garee Raashiyaa keessatti dhiibbaa guddaa uumuu danda’an jedhaman jalaa neetworkii akkaawuntiisaanii cufeera.

Akkaawuntiiwwan kanneen hidhata cimaa ykn neetworkii jabaa kan waliin qaban yoo ta’u, humna waliif ta’uudhaan addunyaa keessatti dhiibbaa uumuu danda’aniidha.

Feesbuukiin tarkaanfii kana wayita fudhatu dhaabbata qorannoo intarneetii Raashiyaa “Russia’s Internet Research Agency’’(IRA) waliin walitti hidhata qaba jechuun.

Dhaabbatichi mootummaa waliiniis hidhata qaba jedhameera.

Dhaabbanni kun bara Faranjoota 2016 filannoo Ameerikaa keessa harka qaba jedhameet himatama.

Twiitariinis neetworkiiwwan kunneen keessaa akkaawuntii namoota 5 yeroof haqeera.

Dhaabbileen kunneen tarkaanfii fudhataaniin milkaa’inni argatan hagas mara mitiis jedhameera.

Feesbuukiin murtoo kanaan hanga ammaatti akkaawuntiiwwan 13 fi fuula marsariitiiwwan 2 haqeera.

Akkaawuntiiwwan haqaman hedduun maqaa sobaatiin kan jiraniidha jedhameera.

Twiitariinis namoota 5 kanneen dhimma namoota biroo keessa seenuun jeeqan jalaa akkawuntii isaanii cufuu himeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.