Fana: At a Speed of Life!

Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan guyyaa hundeeffama Raayyaa Ittisaa Chaayinaa sababeeffachuun erga baga gammaddaanii dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyatti Ittisaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan guyyaa hundeeffama Raayyaa Ittisaa Chaayinaa waggaa 95ffaa ilaalchisee erga baga gammaddaanii biyyattiif erganiiru.
Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan, Raayyaan Ittisaa Chaayinaa birmadummaa biyyaa, nageenyaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf, akkasumas nagaa fi tasgabbii addunyaa mirkaneessuuf qooda qabuuf dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.
Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo fi Michummaa seenaa qabeessa bara dheeraa lakkoofsiise qabaachuu kaasaniiru.
Hariiroon Siyaasaa, Diinagdee, Aadaa, Barnootaa fi damee fayyaa biyyoota lamaanii fayyadamummaa waloorratti hundaa’e daraan guddachaa dhufuu ibsuu isaanii ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
Hariiroon gama hundaa kun cimee akka itti fufuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.