Fana: At a Speed of Life!

Filannoo seenaa-qabeessa gaggeessuuf qophiin xumurame – Mootummaa naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Filannoo seenaa-qabeessa gaggeessuuf qophiin xumuramuu Mootummaa naannoo Oromiyaa beeksiise.
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala yeroorratti ibsa laatera.
Biyyii fi naannoon keenya filannoo seena-qabeessa gaggeessuuf qophii xumuruu ibseera.
Guutuun ibsichaa halaa armaan gadiin dhiyaateera.
Filannoo marsaa jahaffaa kana nagaa, demokiraatawaa, haqa qabeessaafi hunda biratti fudhatama kan argate gochuuf gaheen ummataa, paartilee siyaasaa, kaadhimamtoota dhuunfaa, raawwachiistota filannoofi mootummaa daran murteessaadha.
Hundaa olitti ammoo nageenyi bu’uura sochii hundaa waan ta’eef, mootummaan kutaalee hawaasaa hunda qindeessuudhaan nageenya filannoo mirkaneessuuf qophii ga’aa gochaa ture xumuree hojii qabatamaa keessatti argama.
Iddoo filannoon geggeeffamu hundatti qaamoleen milkaa’ina filannichaatiif hojjetan martinuu qindoominaan akka socho’aniifi lammiileen sodaafi yaaddoo malee ba’anii akka filataniif mootummaan ga’ee irraa eegamu bahachaa jira.
Keessattuu, qaamolee nageenyaa naannoofi federaalaa walitti qindeessuudhaan bakka hundatti bobbaaseera.
Seeraafi naamusa filannoofi qajeelfamootaafi kallattiiwwan hojii boordii filannootiin kennaman giddu-galeessa godhachuudhaan ergama isaanitti kenname amanamummaa fi guutummaan bahachuurratti argamu.
Mootummaan naannoo Oromiyaa sochii jala bultii filannoo, guyyaa filannoofi filannoon boodaa tasgabba’aafi nagaa gochuuf qaamolee qooda qaban hundaaf ergama kennuun olitti, marii ummata bal’aa waliin godheen hirmaannaa hunda-galeessa mirkaneessuuf haala mijaawaa uumeera.
Kanaafuu, ummanni bal’aan yaboo gurguddaa sadii fudhateera.
Tokkoffaarratti filannichi karaa nagaa eegalamee akka xumuramuuf qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uufi humna nageenya filannichaa booressuuf aggaamu kamuu saaxiluu qaba.
Lammaffaarratti, akkuma gamtaan ba’ee kaardii filannoo fudhate, soda fi yaaddoo tokko malee paartiifi kaadhimamaa naaf ta’a jedhee yaadee fi amane bilisummaadhaan filachuutu irraa eegama.
Sadaffaarratti, hanga bu’aan filannoo qaama seeraan kennameefiin ibsamutti tasgabbiin eeggachuu fi burjaajii uumamu kamuu gurra dhorkachuudhaan sagaleesaa kabachiifachuu qaba.
Caasaan bulchiinsaa fi nageenyaa mootummaa sadarkaa hundatti argamu filannoo marsaa jahaffaa nagaa, demokraatawaa, bilisa, amanamaa fi haqa-qabeessa gochuudhaaf gahee bahachuu qaburratti hubannoo barbaachisu gonfateera; kan yeroo kamiinuu olitti karaa guutuu ta’een hojjetee galmoota qabaman milkeessuufis ejjennoo qabateera.
Keessattuu, humni nageenyaa naannoofi federaalaa qindoominaan socho’uudhaan yaalii humnoota diigumsaa fashaleessuuf ciminaan hojjechaa jiru.
Bilisummaafi birmaduu aangoo murteessummaa ummataa heera mootummaatiin mirkanaa’e kabaachiisuudhaaf qophiidha.
Ummanni nagaan ba’ee filachuudhaan mootummaa ofiisaatii fedhu ijaarrachuu akka danda’uuf qooda isaanirraa eegamu hunda bahachuuf imaanaa fudhataniiru.
Hundaa olitti ammoo, mootummaan sochii boqonnaa duraa filannoo marsaa jahaffaa keessatti naamusa dargaggoonni naannoo fi biyya keenyaa agarsiisan kan dinqisiifatu ta’uu ibsaa, carraa kanatti fayyadamee galata galchuu fedha.
Ammas yeroo fuula keenya dura jiru kana keessatti nageenya naannoofi biyya keenyaa eeguudhaan milkaa’ina filannochaa karaa guutuu ta’een mirkaneessuuf hirmaannaa barbaachisu hunda akka taasiftaniif imaanaa jenna.
Xumurarrattis, filannoo marsaa jahaffaa kabajaafi ulfina biyya birmaduu abboottan keenyarraa dhaalle utubnee ceesisuudhaan seenaa haaraa galmeessuuf lammiileen martinuu qooda isaanirraa eegamu akka gumaachan dhaamaa, kutannoofi qophaa’ummaa mootummaan nageenya filannoochaa amansiisaa gochuuf qabu guddaa ta’uu ibsina.
Jabaannee hojjechuudhaan injifannoo ummata bal’aa ni milkeessina!
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii 2013
Finfinnee
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.