Fana: At a Speed of Life!

Filannoon karaa nagaan akka xummuramu ga’ee isaanii ba’uuf qophii ta’uu dargaggoonni magaalaa Finfinnee ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Filannoon marsaa 6ffaan karaa nagaan akka xummuramu ga’ee isaanii ba’uuf qophii ta’uu dargaggoonni magaalaa Finfinnee ibsaniiru.
Bu’aa filannoo fudhachuun Ityoophiyaanoota hundarraa kan eeggamu ta’uu dubbataniiru.
Paartii nuuf ta’a jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu himaniiru.
Qaamni kaardii fudhate hundi sagaalee laachuun akka qabu ibsaniiru.
Dargaggoonni kunneen qaamolee nageenyaa waliin ta’uun naannoo isaanii eeggachaa jiraachuu dubbataniiru.
Hawaasni hundi naannoo isaa si’oominaan eeggacghuu akka qaban dargaggoonni kunneen dhaamaniiru.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.