Fana: At a Speed of Life!

Filannoon marsaa 6ffaa Caamsaa 30 gaggeeffamuuf ture dheerate

Finfinnee, Caamsaa 7, 2013 (FBC)-Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Filannoon marsaa 6ffaa Caamsaa 30 gaggeeffamuuf ture dheerachuu ibseera.

Filannoon biyyoolessaa marsaa 6ffaa Caamsaa 28, 2013 akka gaggeeffamuuf gabatee yeroo qabameefi turetti kan hin gaggeeffamnee ta’uu boordiichi ibsera.

Kanaafis guyyaa filannoo itti gaggeeffamuu yeroo itti aanuutti akka ifoomu himameera.

Filannichi magaaloota Finfinnee fi Dirree Dawaa dabalatee kutaa biyyatti hundaatti guyyaa tokkoo akka gaggeeffamuus murtaa’eera.

Boordichi adeemsa galmee filattootaa fi rakkoowwan muudatan irratti bakka butoota paartiilee siyaasa waliin mari’achaa jira.

Walitti qabdun Boordichaa aadde Birtukaan Miidhaqsaa, galmee filattootaa fi hojiiwwan garagaraatti harkifannaa muudateen guyyaan sagalee laachuu dheerachuu danda’aa jedhaniiru.

Waltajjichaan hanga Caamsaa 4, 2013 darbeetti  galmee filattoota gaggeeffameen lammiilen miiliyoonni 36 ol galmaa’uu aadde Birtukaan ibsaniiru.

Tigist Abrahaamtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.