Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti barattoonni kutaa 8ffa fi 12ffaa Wiixata barnoota eegalu

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Finfinneetti barattoonni kutaa 8ffa fi 12ffaa Wiixata barnoota akka eegalan Biiroon Barnootaa Magaalaa finfinnee beeksise.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa finfinnee obbo Zalaalam Mul’ataa ibsa laataniin barattoota kutaa 8ffa fi 12ffaa ala barattoonni jiran ammoo Onkololeessa 30, 2013 barnoota eegaluu karoorfamuu himaniiru.

Dabalaataan ijaarsi daree barnootaa kuma 2 fi 300 raawwatamuun ibsuun daree 1 keessatti barattoota 25 akkasumaas teessoo 1 irra barataa 1 qofti taa’ee akka baratu ibsaniiru.

Barataan kamuu daree alaa fi keessaa haguuggii afaanii fi funyaanii malee socho’uu akka hin dandeenye eeraniiru.

Barnoonni dabareen kan laatamu yoo ta’u dabaree 1ffaan Wiixata, Roobii fi Jimaata wayita ta’u, Dabaree 2ffaan ammoo Kibxata, Kamisaa fi Sanbata ta’a jedhaniiru.

Kanumaan walqabatee manneen barnootaa magaalaa Finfinneetti argaman 513 keessatti kiliniikni mana barumsaa ni hundaa’a jedhaniiru.

Mana barumsaa tokkootti ogeeyyiin fayyaa 4 kan ramadaman yoo ta’u, qacarriin ogeeyyii fayyaa kuma 2 fi 52 raawwatamaa jirachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.