Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti sagantaa Ashaaraa magarisaan guyyaa tokkotti biqiltuun miiliyoonni 2 dhaabama jira

Finfinnee, Adooleessa 26, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaa Ashaaraa magarisaan guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoonni 2 dhaabama jiraachuu Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Magaalichatti guyyaa har’a qofaan biqiltuuwwan miiliyoonni 2 kan dhaabamu yoo ta’u, biqiltuuwwan dhaabaman keessaa nyaataaf kan oolaan kuduraalee fi muduraaleen  keessaatti argamu.

Itti aanaan kantiiba magaalaa Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaan deeggartoota kubbaa miilaa garee Buna waliin ta’uun Jamootti bakka dirree kubbaa miilaa garee Bunatti biqiltuu dhaabaniiru.

Dhaabbii biqiltuchaarratti  waldaalee taaksii, hawaasni dippiiloomaatotaa, deeggartoonni buna Ityoophiyaa fi qidduus goorgis akkasumas kutaaleen hawaasa garagaaraa irratti hirmaataniiru.

Injinaar Taakkalaanis, qaamolee hirmaatan galateeffataniiru.

Dhaabbiin biqiltuchaas kutaawwan magaalaa Finfinnee hunda keessaatti haala ho’aan ta’een raawwatama jiraachuu ragan waajjira kantibaarra argannee ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.