Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Daldalaa Ityoo-Xaaliyaanii xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) – Fooramiin Daldalaa Ityoo- Xaaliyaanii guyyoota lamaaf Xaaliyaanii magaalaa Roomitti gaggeeffamaa ture xumuramuu Imbaasiin Ityoophiyaa Roomitti  argamu beeksise.

Ityoophiyaa fi Xaaliyaaniin dameewwan siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan hariiroo baroottanii qabaachuu Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen haasawaa fooramicharratti argamuun taasisaniin eeraniiru.

Hariiroon gam-lamee biyyoota lameenii yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufuu kaasuun, hariirichi damee diinagdeen daran cimuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Abbootii qabeenyaa Xaaliyaanii gara Ityoophiyaa dhufuun hojiilee invastimantiirratti bobba’uu barbaadaniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu himaniiru.

Roomitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Hambituu Hambisaan gamasaaniin, Dameewwan invastimantii, daldalaa fi tuurizimiin qabeenya Ityoophiyaan qabdurratti akkasumas biyyattii bakka ga’umsa invastimantii taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiran irratti ibsa laataniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyoota lameenii dameewwan kanneeniin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka qaban yaadachiisuu ragaan Imbaasicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.