Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin qonnaan bultoota buna oomishan fayyadamoo taasisu gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Fooramiin qonnaan bultoota buna oomishan fayyadamoo haqa qabeessaa taasisu galma Ikonoomik Koomishinii Afriikaatti  gaggeeffameera.

Fooramicharratti Ministirr deettaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii damee Babal’na Daldalaa Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa, bunni oomisha al-ergii % 25 argamsiisuun Ityoophiyaaf madda galii ta’uun cinatti uummata miiliyoona 26tti siquuf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru.

Ambaasaddarichi Ityoophiyaan bunarraa gatii haqa qabeessa akka hin arganne sababoota taasisan keessaa haalli bittaa fi gurgurttaa wal xaxaa ta’uu fi sona osoo itti hin dabaliin gabaa alaaf dhiyeessuu akka ta’e kaasaniiru.

Rakkoolee kanneen hambisuun gabaa addunyaarratti dorgomaa taasisuuf deeggarsi Afrikaanotaa keessattummoo Ityoophiyaanotaa murteessaa ta’uu Ambasaddarichi yaadachiisaniiru.

Riifoormicharratti dhaabbileen mootummaa fi miti-mootummaa garaagaraa argamuu ragaan Ministeeraa Daldalaa fi Indaastirii irraa argame ni mul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.