Fana: At a Speed of Life!

Galateeffannaan hojii caalu hojjechuuf barbaachisaa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba- Abbootii Amantaa Islaamaa

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Galateeffannaan hojii caalu hojjechuuf barbaachisaa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba jedhan Abbootiin Amantaa Islaamaa.

Sagantaan galateeffannaa “Ityoophiyaan haa galateeffattu” guyyaa har’aa masjiidota garaagaraatti gaggeeffameera.

Abbootiin Amantaa islaamaa magaalaa Finfinnee masjiida Al-Aqsaa, galateeffannaan amantaa islaamaa biratti bakka guddaa qabaachuufi kennaa dabalataa kan namaaf argamsiisu ta’uu eeraniiru.

Barsiisaa amantaa islaamaafi imaamni olaanaan masjiidichaa Sheek Sa’iid Ahimad, Ityoophiyaan waggoottan darbanitti qormaatilee hedduu keessa darbuu yaadachiisuun, qormaata keessatti uumaa galateeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchaan masjiidichaa Sheek Abdulmanan Huseen gamasaaniin, sagantichaan barnoonni galateeffannaan walqabatan kennamuufi galateeffannaan hojii caaluuf kan nama kakaasu waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu addeessaniiru.

Barnoota amantichaa hordofaa kan jiru dargaggoo Jamaal Xahaan, amantii keessatti obsiifi galateeffannaan baayyee barbaachisoo ta’uu eereera.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.