Fana: At a Speed of Life!

Gamtaa Afrikaan kan durfamuu adeemsi nageenyaa qajeeltoo ‘Rakkoolee Afrikaaf Furmaataa Afrikummaa’ kan mirkaneesseedha-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Gurandhala 8, 2015 (FBC)- Gamtaa Afrikaan kan durfamu adeemsi nageenyaa qajeeltoo ‘Rakkoolee Afrikaaf furmaataa Afrikummaa’ kan mirkaneesseedha jechuun Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Obbo Dammaqaa walga’iin hoji raawwachiistotaa Gamtaa Afrikaa 42ffaa irratti haasawaa taasisaniin, adeemsi nageeyaa daandii sirriirratti akka argamu ibsaniiru.

Adeemsa marii nageenyaarrattis qaamolee hirmaataan hundaa galateeffataniiru.

Bu’aaleen nageenyaa argame qajeeltoo ardichaa ‘Rakkoolee Afrikaaf furmaata Afrikummaa’ jedhu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan waliigalteen nageenyaa utuu irraa hinhanqifamiin akka hojiirra ooluuf tattaaffiin taasiftu cimee kan itti fufu ta’uu kan himan Obbo Dammaqaan, kutaalee hawaasa walitti bu’iinsichaan miidhamaniif deeggarsi namoomaa barbaachisaan saffisaan dhiyaachaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaan wayiita rakkoo keessa turtetti, biyyoota Afrikaarraa deeggarsa malu argachaa turuu fi kunis miira Paan Afriikaaniizimii haala guutuu ta’een dhaloota itti aanuuf darbuu akka danda’u akeekaniiru.

Wandasan Araggaahaanyitu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.