Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa marii sadeenii akka deeggaru ibse

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2013 (FBC)- Gamtaan Awrooppaa mariin sadeen jaarsumma Gamtaa Afrikaan taasisa jiraniif deeggarsa akka taasisu ibseera.

Bakka bu’aa olaanaa Komishinii gamtaa Awrooppaa fi itti aanaa preezdaantii Komishinichaa Jooseep Booraliin, marii sadeenii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan Hidha Haaromsaa Guddichaarratti taasisan Gamtichi akka deeggaru ibsaniiru.

Yaa’aa Abbaayaa keessaa uummattoonni miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 ol jiraatan dursii kan laatamuuf marii deggarsaaf oluu ta’uu qaba jedhaniiru.

Yeroo amma kanaas deeggarsa akkasii taasisuuf yeroo itti kaka’umsa qabannuudha malee yeroo itti naannichaatti rakkoo uumuu yaalii taasifamu miti jedhaniiru.

Kanaafis Gamtaan Afrikaa biyyoonni sadeen jaarsumma Gamtaa Afrikaan adda adduumma isaanii mariin hiikuuf tattaffii taasisaan guutuumma guutuun deeggaramuu akka qabuu Bakka bu’aa olaanaa Komishinichaa yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.