Fana: At a Speed of Life!

Garee ABUT yakka jumlaa Maayikaadiraa raawwatanii Sudaanii gara Humuraa seenuuf turan  320 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC) – Garee ABUT keessaa kanneen yakka jumlaa Maayikaadiraa raawwachuun Sudaanitti imaluun irra deebiin gara Humuraa seenuuf turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiise.

Garee ABUT keessaa kanneen yakka jumlaa Maayikaadiraa raawwachuun Sudaanitti imaluun gara Humuraa seenuuf turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu itti gaafatamaan Humna Bobbii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Jeneraal Taasfaayyee Ayyaalew ibsaniiru.

Garee ABUT Humaraa fi Maayikaadiraatti yakka ajjeechaa jumlaa raawwaachuun gara Sudaanitti baqatanii turan keessaa namoonii 320 ta’an irra deebiin of gurmeessuun gara Humaraa seenuuf wayita socho’aa turan tarkaanfiin irratti fudhatamuu himaniiru.

Gareen deeggartoota Juuntaa Ameerikaa fi  Sudaanitti argamanirraa tumsa argataniin leenjii fudhatachaa turuun irra deebiin gara Ityoophiyaa  seenuuf turan haleellamuu isaanii Birgaadeer Jeneraal Tasfaayeen ibsaniiru.

Ammallee humni duubatti hafe jiraachuu eeraniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.