Fana: At a Speed of Life!

Geejjibni Baaburaa Ityoo-Jibuutii Konkolaattota fe’umsaa Jibuutirraa gara Finfinnee geejjibsisuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)-Waldaan Aksiyoonaa Geejjiba Baaburaa Itoo-Jibuutii yeroo jalqabaaf konkolaattota fe’umsaa 63 Jibuutiirraa gara Finfinnee geejjibsise.

Waldichi kanaan dura konkolaattota idilee fi konkolaattota manaa qofa geejjibsiisaa turuun kan yaadatamuudha.

Guyyaa har’a ammoo konkolaattota fe’umsaa Buufata Doonii Jibuutiirraa gara biyya keessaatti geejjibsiisuu eegaluu ibseera.

Hoji Gaggeessaan Waldichaa Dooktar Abdii Zannabaa akka jedhanitti Waldaan Geejjiba Baaburaa Ityoo-Jibuutii tajajila isaa babal’isaa jira.

Haaluma kanaan hojiin tajaajila daldala alaa fi fichisiisaa geejjiba baaburaan saffisiisuu bal’inaan eegaluu kaasuun, konkolaattoonni fe’iinsaa biyya keessa galfaman argisiiftuu ta’uu himaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Obbo Dheengee Boruu gama isaaniin, guddina diinagdee biyyattii keessatti dameen geejjibaa fi looistiksii gahee olaanaa akka qabu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.