Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Daataa ragaa olaanaa baachuu danda’u ijaarramuufi

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC ) – Magaalaa Finfinnee Paarkii ICT keessatti Giddugalli Daataa ragaa olaanaa baachuu danda’u ijaarramuufi jedhame.

Dhaabbata ‘Wiing Afrikaa’ jedhamuun kan ijaarramu giddugalli kun proojektoota giddugal ragaa Paan Afrikaatiin ijaarramuuf karoorfaman keessaa isa tokko ta’uu ibsameera.

Lafa Iskuweer Meetira kuma 15 irra kan qubatuudha jedhame.

Dhaabbatichi Proojektii 2ffaa isaa Adaamaarraa fageenya Km 96 irratti ijaaruuf karoorfachuu himameera.

Dhaabbatichi kana dura Jibuutii magaalaa Jibuutiitti, Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti hojii walfakkatu kan hojjete yoo ta’u, yeroo itti Zaambiyaa, Taanzaaniyaa, Moozaambiikii fi Ugaandaati ijaaruuf karoorfachuu ibsameera.

Ityoophiyaatti dhaabbilee ‘Raaksiiyoo, Reed Fooks Neetwork Sooluushinii fi Iskuutii’ex’ jedhaman dabalataan ICT paarkii keessatti ijaarsa walfakkatu raawwachuuf iddoo walharkaa fuudhiinsa raawwachuu ragaan fuula Daataa Seentar Daayinaamiikis jedhamurraa argame nu muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.