Fana: At a Speed of Life!

Godina Addaa Saba Oromoof deeggarsi Birrii miiliyoona 20 olii taasifame

Finfinnee, Mudde 15, 2015 (FBC) –  Komishiniin Gumruukaafi Ministeerri Galiiwwanii naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoof deeggarsa meeshaalee  Birrii miiliyoona 20 olii taasisuu ibsame.

Deeggarsichi kutaalee hawaasaa sababa nam-tolcheefi uumamaan miidhamaniif kan oolu ta’uu ibsameera.

Ministir Ministeera Galiiwwanii  aadde Ayinaalem Niguseefi Komishinarri Komishinii Gumruukaa obbo Dabalee Qaabataan deeggarsicha magaalaa Kamiseetti argamuun dabarsanii laataniiru.

Aadde Ayinaalam haasawaa wayita deeggarsicha kennan taasisaniin, deeggasi dhaabbileen taasifaman yeroof rakkoolee furuuf kan gargaaran ta’uu eeruun, godinichi rakkoolee hundagaleesa isa mudatu waaraan furuuf dandeettii qabu haalaan itti fayyadamuu qba jedhan.

Obbo Dabalee Qaabataan gamasaaniin, komishinichi jijjiiramaan booda meeshaalee Birrii biiliyoona saddetitti shallagaman lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Kamisee Kadiijjaa Aliin, deeggarsichi lammiilee sababoota namtolcheefi uumamaan miidhamaniif yeroo barbaachisaa ta’etti dhiyaachuu ibsuusaanii ragaan komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.