Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti dargaggoota waliin nageenya tiskaa, rakkoo hojii dhabdummaa jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti dargaggoota waliin nageenya tiskaa, rakkoo hojii dhabdummaa jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa godinichaa Obbo Muhammad Huseen, dargaggoonni sabboonummaafi sabdaneessummaa obbolummaa irratti hundaa’e ijaaruun, hojii nageenya biyyaa mirkaneessuu irratti qooda isaanii ba’uu akka qaban dhaamaniiru.
Dargaggoota waliin nageenya biyyaa tiksaa; rakkoo hojii dhabdummaa jiru furuuf carraa jiru maratti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu dura taa’aan Liigii Dargaggoota Godina Arsii Lixaa Kamaal Ayyaanoo ibsaniiru.
Dargaggoonnis hojiiwwan nageenyaa, misoomaa fi diimookiraasii jajjabeessuurratti kan tumsan ta’uu eeraniiru.
Odeeffannoowwan miidiyaa hawaasaarratti maxxanfaman hunda amanuurraa of qusachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.