Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti filannoo marsaa 6ffaa milkeessuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti filannoo marsaa 6ffaa Wiixata dhufu gaggeefamu milkeessuuf qophii ga’aan taasifamu Qindeessaan Boordii Filannoo Godina Arsii Lixaa beeksise.
Godina Arsii Lixaatti naannoleen filannoo 11, buufataaleen filannoo 961 jiraachuu fi filattoonni miliyoonni 1.1 kaardii filannoo fudhachuu godina Arsiitti Itti aanaa Qindeessaan Boordii Filannoo godinichaa obbo Tasfaayee Baqqalaa ibsaniiru.
Meeshaaleen filannoos naannolee filannoo 7 dhaqqabuu himaniiru.
Naannolee filannoo hafanis yeroo itti aanu kan dhaqqabu ta’uu eeraniiru.
Akkasumas magaalaa Shaashamanneetti naannolee filannoo 3 fi buufataalee filannoo 126tti, filattoonni kumni dhibbi1 fi kumni 59 fi 639 kaardii filannoo fudhachuu Qindeessaa Filannoo Magaalaa Shashamannee Amaaree Muliyyee himaniiru.
Meeshaaleen filannoo magaalichaa ga’anis hanga filannootti kan raambsaman ta’uu himaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.