Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anif qorannoon taasifamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Godina Jimmaatti kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anif qorannoon taasifamaa jiraachuu Waajjirri Eeggumsa Fayyaa Godina Jimmaa beeksise.
 
Dhukkumsatoota dhibee Sukkaaraa, HIV, ogeeyyii yaala fayyaa, hojjettoota Baankii, konkolaachiftootaa, miseensoota Poolisii fi raayyaa ittisa biyyaaf qorannoon taasifamaa jiraachuu waajjirrichi ibseera.
 
Guyyoota kurnan darbaniitti waliigala samuudaa kum 8 fi 600 fudhatameen,bu’aan qorannoo namoota kuma 5 fi 200 ifoormeera jedhame.
 
Namoota bu’aan qorannoo isaanii ifoome keessaa namoota 26 irratti vaayrasichi argamuu himameera.
 
Namoonni vaayrasichi irratti argame Hospitaala Yuunvarsiitii Jimmaa fi Hospitaala Shanan Gibeetti hordoffiin taasifamaafii jiraachuu qindeessaan To’annoo fi ittisaa dhibee daddarboo obbo Fu’aad Sabiit dubbataniiru.
 
Qorannoon kun torbee 2f kan gaggeeffamu yoo ta’u namoota kuma 10 oliif qorannoon ni taasifama jedhamee eeggama.
 
Muktaara Xahaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.