Fana: At a Speed of Life!

Gommaatti sosochiin waldaalee hojii gamtaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti sosochiin waldaalee hojii gamtaa mata duree ”Waldaalee hojii gamtaa furmaata qaala’iinsa gabaaf” jedhun gaggeeffameera.

Bulchaan Aanaa Gommaa Obbo Nasiib Yaasin qonnaan bultoonni guddina barbaadame fiduuf waldaan ijaaramuun jedhaniiru.

Waldaaleen hojii gamtaa aanichatti argamanis guddna diinagdee biyyaaf gahee isaanii bahachuun cinatti,bu’aareelee misoomaa babal’isuuf hojiileen hojjetan bu’aa argamsiisa jiraachuu eeraniiru.

Dabaltaan, rakkoo qaala’iinsa gabaa furuuf gaheen waldaalee hojii gamtaa olaanaa ta’u himaniiru.

Waltajjii sosochii waldaalee hojii gamtaa kana irratti miseensonni waldaalee hojii gamtaa, yuuniyeenootaa fi qaamoleen garaagaraa kan hirmaatan yoo ta’u, waldaalee hojii gamtaa kanneen dargaggoota 600 oliif carraa hojii uumanii fi guddina biyyaa keessatti shoora isaanii bahataaniif beekamtiin kennameera.

Muktaar Tamaam

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.