Fana: At a Speed of Life!

Gosoota morkattootaa Abiyyeetti argaman gidduutti waliigalteen nageenyaa mallattaa’e

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Abiyyeetti kan argaman gosoota Miisiriyaa fi Diinkaa gidduutti waliigalteen nageenyaa mallattaa’eeera.
Gama gosa Miisiriyaatin Ja’imii Ilsiidiqii akkasumas, gama gosa Diinkaatin ammoo Waar Hamaadin waliigalticha mallateessaniiru.
Gosonni lameen kun walga’ii waloo taasisanin rakkoo nageenya mudataa ture furuun nageenya waliin buusufi waliigalteerra kan gahaan.
Waliigaltee kananis naannichaatti dhukaasafi sosochii waraanaa kamiyyuu dhaabuu, sosochii namootaa seeran alaa ittisuu, yakkoota naannoo daangaatti raawwataman ittisuufi walitti bu’insa sababa margaafi bishaan dhugaatin mudachaa ture dhaabuf waliigalaniiru.
Waliigaltee kanarattis Hogganaan Seektara Laayizanii kaabaa kan Yuunisfaa Birgaader Janaral Waanyawu Alamee akkasumas kumaloonni kabachistoota nageenyaa mootarayizdii 23ffaa,24ffaa fi 25ffaa argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.