Fana: At a Speed of Life!

Guutinsa Bishaanii Hidha Haaromsaaf Teeknooloojii Duumessa Roobsiisuutti fayyadamuuf karoorri qabamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC) – Guutinsa Bishaanii Hidha Haaromsaaf Rooba idilee dabalataan Teeknooloojii Duumessa baay’isu fayyadamuuf karoorri qabamuu Ejansiin Raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaa beeksiise.

Guutinsa Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa yeroo kaa’ameef keessatti raawwachuuf qophiin taasiifamuu ibsameera.

Karooricha milkeessuuf Rooba idilee dabalataan Teeknooloojii Duumessa Roobsiisuutti fayyadamuuf karoorri qabamuu ejansichi beeksiiseera.

Hojii Teeknooloojii Duumessa baay’isuu dhiheenya eegalame keessatti dhaabbileen biyyattii garaagaraa 10 hirmaachuu Itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansii Raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaa obbo Kinfee Hayilamaariyaam ibsaniiru.

Teeknooloojicha faayidaa biyyaalessaa garaagaraaf oolchuun kan danda’amu ta’uu obbo Kinfeen eeraniiru.

Roobni Teeknooloojii Duumessa baay’isuun argamu hanqina Roobaa wayita oomishaa muudachuu danda’u furuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Teeknooloojichi misooma miidhaanii dabalataan Guutinsa hidhaalee,miidhaa Bakakkaa hir’isuu fi faayidaa biroo hedduu qabaachuu ibsaniiru.

Waktii gannaa yaa’a laga Abbayii fi walakkaa Lixa Ityoophiyaatti Roobni Idilee fi Idilee olii jiraachuu akka danda’u Raagni Haala Qilleensaa kan muul’isu ta’uu obbo Kinfeen ibsaniiru.

Kun akkuma jirutti ta’ee Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan Rooba idilee ol kan barbaachisu yoo ta’e Teeknooloojii Duumessa Roobsiisuutti fayyadamuuf karoorri qabamuu dubbataniiru.

Teeknooloojichi Duumeessa gara Roobaatti jijjiiruu dabalataan Roobni iddoo barbaaddamutti akka roobu taasiisuuf kan dandeessisun ta’uu Inistiityuutii Haala Qilleensaa fi Qorannoo Hawaasummaa idil addunyaatti Qorataan Haala Qilleensaa Dooktar Tufaa Dinquun ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.