Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan ayyaana saboota, sab-lammootaa fi ummatootaa akka Oromiyaatti sadasaa 24,2014 Finfinneetti kabajama

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Guyyaan ayyaana saboota, sab-lammootaa fi ummattoota Ityoophiyaa 16ffaan mata duree ‘Obbolummaa tokkummaa sabdaneessummaa’ jedhuun akka naannoo Oromiyaatti sadaasa 24, 2014 Magaalaa Finfinnee Hoteela Sharaatenitti sagantaa addaa addaan akka kabajamu ibsame.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Adde Sa’aadaa Abdurramahaan kabaja ayyaanichaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Kabaja ayyaana kana kan adda taasisu fakkeenyumma Muummee Ministeeraa Dooktar Abiy Ahimad hordofuun sabootni, sab-lammootni fi ummattootni Ityoophiyaa tokkumman ka’anii diina alaaf keessaa akkasumas duula qindaa’aa geggeeffamaa jiru of irraa qolachuun yeroo xumuraaf awwaaluuf kutannoo fi qindoomina qaban agarsiisaa jiraachuu isaaniiti jedhan.

Ummanni Ityoophiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa adda waraanaatti argamaniif deggersa taasisuun cinatti kaan itti makamuun kaan ammoo waan danda’aniin Raayyaa Ittisa Biyyaa deggeruun ayyaana seena qabeessa kana kan kabajan ta’uu Aadde Sa’aadaa ibsaniiru.

Ayyaanni saboota, sab lammootaa fi ummattoota Ityoophiyaa bara kana akka naannoo Oromiyaatti kabajamu kunis marii paanalii fi sirnoota garaagaraan kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- Caffee Oromiyaa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.