Fana: At a Speed of Life!

Haadhi tokko si’a tokkotti daa’imman afur nagaan ofkalte

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdi Waraabeetti haadhi tokko si’a tokkotti  daa’imman afur nagaan ofkoluu ibsame.

Aadde Nafiisaa Shamsaddiin guyyaa kaleessaa Saa’ud Arabiyaarraa deebitee gara bakka dhaloota ishee aanaa Saankuuraa magaalaa Alamgabiyaatti imalaa osoo jirtuu dhukkubbiin itti dhagahamnaan gara hospitaalichaa deemuu ibsameera.

Hospitaalichatti yaalii baqaqsanii wal’aanuu taasifameefiin daa’imman dhiiraa 3 fi dubara 1 ofkaluu eerameera.

Yeroo ammaa haadhifi daa’immanii arfanuu fayyummaa gaariirra jiraachuu ragaan hospitaalicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.