Fana: At a Speed of Life!

Harargee Bahaatti biqiltuu miiliyoona 360 dhaabuuf karoorfamuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaan barana Godina Harargee Bahaatti biqiltuuwwan miiliyoona 360 ol dhaabuuf karaoorfamuu Waajjirri Qonnaa Godina Harargee Bahaa beeksise.

Godinichatti buufataalee kuma 1 fi 331 keessatti biqiltuuwwan miiliyoona 338 ol qophaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahuun Nigaatuu FBC’tti himaniiru.

Godinichatti bara 2011 uwwisni bosonaa 1.7% ture ammaa 14.5 % gahuu Obbo Geetaahuun eeraniiru.

Kunis waggoottan shanan darban kunuunsa qabeenya uumamaaf taasifameen bu’aa argame ta’uus himan.

Sagantaaa Ashaaraa magariisaa baranaan sululoota 477, lafa heektaara kuma 1 fi 68 ol irra biqiltuuwwan kan dhaabaman yoo ta’u biqiltuuwwan kanneen keessa %40 nyaataaf kan oolan ta’us jedhan.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.