Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni magaalaa Finfinnee nageenya isaanii eeguuf murannoon agarsiisan kan jajjabeeffamuudha-Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Hawaasni magaalaa Finfinnee nageenya isaanii eeguuf murannoon agarsiisan kan jajjabeefamu ta’uu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee ibseera.
Ayyaanni Masqalaa fi Irreechaa magaalichatti kabajamu nagaan kabajamee akka xumuramuuf dargaggoonni tola ooltonni hojii nageenyaa tumsan kuma 27 ol qophaa’uu ibsameera.
Hawaasni magaalichaa yeroo kamiyyuu caalaatti qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun hojii nageenyaarratti hojjechaa jiraachuu Daayreektarri qunnamtii uummataa, muuziqaa, Tiyaatiraa fi Ispoortii Komishinichaa Koomandar Faasikaa Faantaan ibsaniiru.
Hawaasni wantoota shakkisiisoo ta’an wayita argu lakkoofsa bilbilaa 011-1-11-01-11 yookaa sarara bilisaa 991 irratti bilbiluun eeruu laachuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.