Fana: At a Speed of Life!

Hidhaan Haaromsaa biyyoota yaa’ichaaf giddugala walitti hidhamiinsaa dhugaa ta’ee itti fufa – Dooktar Abiy

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Hidhaan Haaromsaa biyyoota yaa’ichaaf giddugala walitti hidhamiinsaa dhugaa ta’ee kan itti fufu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Dooktar Abiy Ityoophiyaan haaluma karoora qabatteen seensa baatii Adooleessa Guutinsa Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa milkiin xumuruu ergaa Afaan Arabaan barreessaniin himaniiru.
Rooba waqtii gannaa hordofee guutinsichi biyyoota yaa’a gadii haala hin miineen of eeggannoon kan raawwatame ta’uu ibsaniiru.
Haala balaa lolaa hir’isuu danda’uun kan raawwatame ta’uus kaasaniiru.
Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan gara fuuladurraatti biyyoota yaa’a gadiirra miidhaan qaqqabsiisu kan hin jirre ta’uu hubachiisaniiru.
Hidhichi hariiroon dhugaa biyyoota yaa’a laga Abbaayyaa caalmaatti cimee akka itti fufu kan fayyadu ta’uu Dooktar Abiy Fuula Tiwiitarii isaanirratti ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.