Fana: At a Speed of Life!

Hiriirawwan naannoo Buufata Boba’aatti muul’atu furuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 4, 2013 (FBC) – Hiriirawwan naannoo Buufata Boba’aatti muul’atu furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame.
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii hiriirawwan naannoo Buufata Boba’aatti muul’atu haala furuun danda’aumrratti Abbaa Taayitaa Dhiyeessaa fi Raabsaa Boba’aa, Dhaabbata Dhiyeessa Boba’aa Ityoophiyaa fi Waldaalee Boba’aa waliin marii taasiiseera.
Bittaa Boba’aarraa kaasee hanga fayyadamoota bira ga’utti rakkoolee dameewwan Dhiyeessaa fi Qulqullinaan walqabatan hundeerraa furuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Mootummaan Boba’aa imalchiisuurratti rakkoo jiru furuuf konkolaattoota ga’aa galchuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Buufataaleen Boba’aa tokko tokko akka hanqinni uumaamu taasiisaa jiraachuu eeruun, Buufataaleen kunneen gochaa akkasiirraa akka of qusatan hubachiisaniiru.
Dhaabbanni Dhiyeessa Boba’aa Ityoophiyaa Diippoowwan Jibuutii fi Ityoophiyaatti argaman keessa kuufamni Boba’aa ga’aan jiraachuu isaan sodaan hanqina dhiyeessii kan hin jirre ta’uu beeksisuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii irraa argame ni agarsiisa .
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.