Fana: At a Speed of Life!

Hojiin hubannoo uumuu fi qindoominaan balaa tiraafikaa to’achuu cimee akka itti fufu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Hojiin hobannoo uumuu fi qindoominaan balaa tiraafikaa to’achuu cimee akka itti fufu Ministeerri Geejibaa ibseera.

Minsteerichi ibsa gaazexeessitootaf laaten akka beeksisetti, mootummaan hojiilee misoomaa hojjetee fi abbootii qabeenyaa biyya keessaaf haala mijataa uumen, sochii diinagdeetin wal qabatee lakkoofsi konkolaattotaa heddumminaan dabalaa jira.

Kanaafis sababa garaagaraan balaa tiraafikaa qaqqabu hir’isuu fi to’achuuf ministeerichi ciminaan hojjechaa jira jedhameera.

Balaan tiraafikaa bara 2011 fi 2012 kurmaana jalqabaatti hir’atus konkolaattota kuma 10 gara kuma 27 ol guddisuuf hojjeetaa akka jiru ministeerichi ibseera.

Daayreektarri olaanaa Abbaa Taaytaa Geejibaa Federaalaa obbo Abdiisaa Yaadataa ibsa laataniin, balaa tiraafikaa wayita ammaa qaqqabaa jiruuf fala furmaataa fiduufis hojjetamaa jira jedhaniiru.

Deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaarraa argameenis waraqaa ga’umsaa, qorannoo konkolaattotaa fi sirna to’annoo tiraafikaa ammayyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Abdiisaan himaniiru.

Bara baajatichaattis hojii qindoominaa balaa tiraafikaa to’achuu, hojiirra oolmaa seera tiraafikaa cimsuu, seeraa fi hojiirra oolmaa qabattoo nageenyaa fooyyessuu ciminaan ni hojjetama jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.