Fana: At a Speed of Life!

Hojimaannii bu’aan qorannoo vaayrasii koroonaa ergaa gabaaba bilbilaan beeksisu eegale

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC)- Hojimaannii bu’aa qorannoo vaayrasii koroonaa qoratamtootaaf ergaa gababa 8335 bilbilaa isaaniin akka qaqqabuu taasisu eegalu Inistiityuutin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Inistiityuutichatti giddugallii qindeessaa balaa tasaa kuta hojii dijitalaayzeeshinii bu’aa qorannoo karaa si’aata ta’een qoratamtootaf dhiyeessuuf ergaa gababa bilbilaan akka qaqqabu taasiseera.

Hoogganaan giddugalicha obbo Maas’ud Mahaammad, hoji mataa odeeffannoo laabiraatoori guddisuuf hojiiwwan gurguddaan hojjeetama akka turan ibsaniiru.

Kanaafis ityoo teeleekoom waliin ta’uun saamudni namoota fudhatame bu’aan qorannichaa erga mirkana’ee booda sa’aati 3 kan hin caallee keessaatti 8335 fayyadamuun qoratamtootaf ergaa gabaaba akka qaqqabuuf taasifama jiraachuu hoogganichi dubbataniiru.

Hojimaannii ergichi qaqqabuu mirkaaneessu ityoo teeleekoom waliin hojjeetama jiras jedhaniiru.

Ta’us qoratamtoonni lakkofsaa bilbilaa isaanii sirrii akka galmeessaanif obbo Maas’ud Mahaammad dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.