Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalichi Amajjii 27 hanga Guraandhala 1, 2016tti tajaajila yaala bilisaa kennuuf ta’uu ibse

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC) – Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Quddus Pheexiroos Amajjii 27 hanga Guraandhala 1, 2016tti tajaajila yaala bilisaa kennuuf ta’uu beeksiseera.

Yaala fayyaa daa’immanii, Dhibee keessoo, Ilkaanii, Onnee, Gogaa fi walhormaataa, akkasumas Yaala Baqaqsanii yaaluu Pilaastikaarratti tajaajila bilisaa kan kennu ta’uu himeera.

Hospitaalichi Dhaabbata Tola Ooltummaa ‘Ijipti Kooppitiik Miishinarii’ jedhamu waliin ta’uun ogeeyyii yaala fayyaa Ameerikaa dhufaniin tajaajila bilisaa kana laachuuf ta’uu eerameera.

Hawaasni tajaajila kanneen bilisaan argachuu barbaadan guyyoota eerame kana keessatti ganama sa’aatii 2:30 hanga waaree booda sa’aatii 11:30 hospitaalichatti argamuun carraa kana fayyadamuu kan danda’an ta’uu beeksiiseera.

Tizzitaa Dassaalenyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.