Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalonni tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjechaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hospitaalonni xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ibsame.

Hospitaalonni nageenyaa dhukkubsattootaa eeguu fi tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf jecha murteewwan garaagaraa fudhataa jiru.

Haaluma kanaan Koolleejjii Meedikaalaa Barkumeetti Hospitaala Qidduus Phaawloos namtokkoon ala gaaffattoonni kutaa ciisicha yaalaa akka hin seenne dhoorkera.

Hospitaalichi kana dura yaalli dhuunfaan galgala galgala kennamaa ture yeroo hin murtoofnef dhaabbachuu isaa ibseera.

Hospitaalli Yaadannoo Zawdituus kutaa ciisicha dhukkubsattootaa gargaaraa tokkoon ala gaaffattoonni kamuu akka hin seene murteessera.

Hospitaalli Poolisii Federaalatis tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf qophii taasisaa jiraachuu beeksiseera.

Hospitaalichi namoota dhibee kanaan qabamaniif yaala barbaachisu gochuuf qophii xumuruu isaa ibseera.

Dabalataan namoota michii sombaa, rakkoo qaama hargansuu, qufaa, hoo’inaa fi kanneen biroo qabaniif xiyyeeffannoo addaan yaalli godhamuufii akka qabu ogeeyyii hospitaalichaaf ajeja dabarseera jedhame.

Hospitaalichi namoota vaayrasii koroonaan qabamaniif yaala duraa taasisuun iddoo addaa yaalichaaf qophaa’etti geessuuf qophii xumuruu isaa ragaan koominikeeshinii hospitaalichaarraa argame ni muul’isa.

Hospitaalonni biroos nageenyummaa dhukkubsattoota yaalarra jiranii eeguu fi vaayrasii koroonaa ittisuuf jecha tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jiraachuun ibsameera.

Hospitaalonni kunneen dhimmamtoota gara mana hojichaa dhufan maraaf qorannoo hoo’ina qaamaa taasisaa akka jiranis ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.