Fana: At a Speed of Life!

Humna Qilleensaa Cimaa ijaaruun nageenya Ummataa fi biyyaaf murteessadha – L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Humna Qilleensaa Cimaa ijaaruun nageenya Ummataa fi biyyaaf murteessaa ta’uu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Dhaabbatichi Qondaaltoota Olaanoof guddina Sadarkaa kenneera.
Itiyoophiyaan humna Qilleensaa cimaa ijaaraa jiraachuu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan saganticharratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.

Barri kun bara milkaa’inni guddaan itti galmaa’e ta’uu dubbataniiru.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hidhannoo ammayyaa yeroo madaalu kan hidhate ta’uu eeraniiru.

Raayyaan Humna Qilleensaa nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa tiksuuf yeroo mara qophummaa qabaachuu himaniiru.

Dhaabbatichi Misoomaa Humna Namaa, Hidhannoo fi Teeknooloojii ammayyaa guuttachuu caalmaatti cimsee kan itti fufu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.