Fana: At a Speed of Life!

Humnoota daandii nagaa mootummaan dhiyeesse cinaatti dhiisuun waraana barbaadanirratti yeroo gabaabaa keessatti tarkaafii cimaa fudhachuuf qophii xumurreerra – Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Humnoota daandii nagaa mootummaan diriirse cinaatti dhiisuun waraana barbaadanirratti yeroo gabaabaa keessatti tarkaafii cimaa fudhachuuf qophiin xumuramuu Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsan.

Biyyoota ollaa waliin nageenyaan, waldanda’uu fi waliigalteen jiraachuu, bu’uura qajeelfama waloon nageenya amansiisaa naannawaa mirkaneessuuf filannoo nageenyaa hunda ni fayyadamna jedhan Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan.

Filannoo nageenyaa Mootummaan dhiyeessu ni deeggarra kan jedhan, Fiild Maarshaal Birihaanuun, yaa ta’uutii Humnoota daandii nagaa mootummaan diriirse cinaatti dhiisuun waraana barbaadanirratti yeroo gabaabaa keessatti tarkaafii cimaa fudhachuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Seenaa birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti diina waliin qabsoo guddaa taasiisaa kan turan keessaa Ajajni waraanaa 8ffaan tokko ta’uu kaasaniiru.

Miseensota ajaje waraanaa Daaboolii 8ffaaf meedayii fi beekkamtiin laatameera.

Ajaja waraanaa 8ffaa wayita gurmeessinu haala waqtaawaa biyyaa tilmaama keessa galchuunii jedhan.

Ajajni waraanaa 8ffaan ergama itti laatame yeroo fi iddoo kamittuu gootummaa olaanaan raawwachuun ummata Ityoophiyaa kan boonse ta’uu kaasaniiru.

Balaan biyya diiguu biyyarra ga’uuf ture murannoo fi wareegama ajajni waraanaa 8ffaa taasiisaniin fashalaa’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.