Fana: At a Speed of Life!

Ibsa Qajeelcha labsii yeroo ariifachiisaa lakkoofsa 4

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa walga’ii har’a gaggeesseen raawwii labsii yeroo ariifachiisaa gamaaggameera.

Gamaaggama isaan kaka’umsaa fi murannoo ummanni raawwii labsichaarratti agarsiise galeeffateera.

Injifannoo argame itti fufsiisuuf ajejawwan garaagaraa dabarseera.

1.Iddoowwan Garee shororkeessaa ABUT harkaa bilisa ba’anitti nageenyii fi tasgabbiin akka bu’uu akkasumas qabeenya uummataa eeguuf jecha halkan keessaa sa’aatii 12 hanga ganama sa’aatii 12’tti yeroo murtaa’eef sochiin uummataa akka dhorkamu ajaja dabarseera.

2.Iddoowan Garee shororkeessaa ABUT irraa bilisa ba’anii fi dhorke yeroo labsametti qaamoleen nageenyaa garasitti imalan hawaasaaf hubannoo akka uumanii fi dhorka sa’aatii labsames akka raawwachiisan ajajni kennameera.

3.Bakkeewwan Garee shororkeessaa ABUT irraa bilisa ba’anitti qaamoleen nageenyaa fi hojjeettonni siivilii naannichaa waliin qindaa’uun koreen bulchiinsaa atattamaan akka hundaa’u.

Badiiwwan qabeenya uummataa fi mootummaarra ga’e fi miidhaa hawaasummaa qaqqaberratti ragaa akka hin balleessine Koreen kun eeguu, karaa seera qabeessaan akka galmaa’an, Iiziin labsii yeroo ariifachiisaa ajaja dabarseera.

4. Qaamoleen haqaas Koreewwan bulchiinsaa hundaa’e waliin ta’uun ragaa fudhachuu fi qindeessuun qaama dhimmi ilaallatuuf akka dabarsan ajajni darbeera.

Qajeelcha labsii Yeeroo Ariifachiisaa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.