Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa biyyaa keessatti ga’een aartii olaanaa ta’uun isaa ibsame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Inijifannoo bu’aa dhiiga ilmaan keenyaatiin dhufe lukkuurraa hanga lubbuutti arjoomuun tikfachuun dirqama keenya jedhan Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizmii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan.

Aadde Sa’aadaa Usmaan marii sektaroota aadaa fi turizmii afran waliin har’a haala yeroorratti Giddugala Aadaa Oromootti

gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin duulli geggeeffamaa jiru injifannoo dhiiga ilmaan keenyaa kabachiisuufi jedhan.

Kana dhugoomsuufis lammiileen lukkuu hanga lubbuu arjoomaa jiraachuu kan ibsan Aadde Sa’aadaan ammas cimee ittifufuu akka qabu ibsaniiru.

Artistoonni beekamoo Oromoo har’as akkuma kaleessaa warraaqsicha cina hiriiruun deeggarsa gochaa jiraniif galateeffataniiru.

Muummeen Ministiraa  Ityoophiyaa Abiy Ahmadiin durfamus kabaja bu’aa dhiiga ilmaan Oromootiif qaban agarsiisuuf adda waraanaatti bobba’uun waraana hogganaa jiru jedhan.

Aadde Sa’aadaan kutannoon Muummee Ministiraa agarsiisan daran lammiilee kan onnachiisu ta’ee waan argameef tumsi gama, artistootaan taasifamaa jiru qindoominaan ittifufuu qaba jedhaniiru.

Dhuma sagantichaattis arjoommiin dhiigaafii deeggarsi meeshaalee garagaraa maatii buqqaatotaaf akka taasifamu ibsameera.

Jaalallii Haayluutu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.