Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa qajeeltoowwan idil addunyaa eeguun hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa qajeeltoowwan idil addunyaa eeguun haala  biyyoota yaa’ichaa akka hin miineetti hojjetamaa jiraachuu ibsame.

Mariin Weebiinaraa ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa irratti xiyyeeffate Yuunaayitiid Kiingdam, Ayyarlaand fi Iskaandeeneeviyaaniiti qindeessummaa Imbaasiwwan Ityoophiyaan gaggeeffameera.

Marii kanarratti miseensoonni Paarlaamaa 82 Yuunaayitiid Kiingdamii fi Swiidiin, bakka buutoonni mootummaa biyyoota sadanii, ogeeyyiin qorannoo bishaanii fi hayyoonni biroo hirmaataniiru.

Yuunaayitiid Kiingdamitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarii Mallas proojektiin hidha haaromsaa proojektii ummataa qajeeltoowwan idil addunyaa eeguun haala biyyoota yaa’ichaa hin miineen hojjetamaa jiru ta’uu dubbataniiru.

Marii sadee gaggeeffamaa jirurratti ejjennoon Gibts gufuu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa ejjennoo sirrii fi rakkoo jiru mariin furuuf yeroo kamiiyyuu qophii ta’uu hirmaatoota marichaaf ibsaniiru.

Maricharrtti barreeffamni qorannoo dhiyaachuun erga irratti mari’atamee gaaffii hirmaattootarraa ka’eef deebiin laatamuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.