Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi proojaktii misooma sukkaaraa Xaanaa Balas haala gaarirra akka jiru ibsame.

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Ijaarsi proojaktii misooma sukkaaraa Xaanaa Balas haala gaarirra akka jiru ibsame.

Proojaktichi rakkoo qulqullina ijaarsaa fi harkifannaan maqaan isaa ka’aa tureera.

Yaata’uutii proojaktichi amma sadarkaa gaarirra jiraachuu boordiin Koorporeeshinii Sukkaaraa Ityoophiyaa, hoggansii fi gaazexeessitoonni raawwii proojaktichaa daawwataniiru.

Proojaktichi bara 2003 Koorporeeshinii Injiinariingii Sibiilotaa Ityoophiyaa duraanitiin kan eegalame yammuu ta’u, jidduudhan harkifannaan isa mudatee bara 2010 ammoo akka adda citu taasifameet ture.

Irra deebiin hojichi akka xumuramu bara 2011 koontiraaktara biraatif akka laatamu taasifameet ture.

Dhaabbanni Chaayinaa Kaasiim(CAMC) Fulbaana darbe waliigaltee mallatteessuun hojii ijaarsaa eegaleera.

Ijaarsa kanaan dura rakkoo qulqullinaa qabu gariinii fi guutummaan diiguun akka haaraatti ijaaraa jira.

Hoji raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshinii Sukkaaraa Ityoophiyaa obbo Wayyoo Roobaan ijaarsichi %67 qaqqabuu ibsaniiru.

Bara 2013 kan xumuramu ta’uus ibsaniiru.

Fireehiywat Saffiiwtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.