Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Warshaa Oomisha Dhagaa Cilee 2ffaan Beenishaanguul Gumuuzitti eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Ijaarsi Warshaa Oomisha Dhagaa Cilee 2ffaan naannoo Beenishaanguul Gumuuz magaalaa Asoosaatti eegalameera.

Preezdaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasanii fi Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan Ijaarsa Warshaa Oomisha Dhagaa Cilee 2ffaa naannoo Beenishaanguul Gumuuzitti eegalchiisaniiru.

Dhagaa Cilee biyya keessatti oomishuuf hojiilee eegalameef tarkaanfii lammaffaa ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.

Baasii Birrii biiliyoona 2 oliin ijaarrama jedhame.
 
Waggaatti hanga toonii kuma dhibbi 9 dhagaa cilee oomishuu danda’a jedhameera.

Warshicha dhaabbanni ‘NOC’ kan ijaarsiisu yoo ta’u, baatii 11 keessatti xumurama jedhame.

Yeroo itti aanuus kutaalee biyyatti adda addaa keessatti ijaarsi Warshaa Oomisha Dhagaa Cilee kan eegalamu ta’uu himaniiru.

Warshaaleen kunneen wayita hojiitti galan dandeettiin oomisha biyyattii toonii miiliyoona 2.5 ga’a jedhan.

Oomishni kun sharafa alaa dhagaa cileef ba’u kan hambisu ta’uu Injiinar Taakkalaan barreeffama Fuula Fesbuukii isaanirratti barreessaniin.

Karoora damichaan qabame milkeessuuf qaamolee deeggarsa barbaachisu taasiisan hunda galateeffataniiru.

Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana

Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo

Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.