Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiiviiwwan qonna magaalaa hawaasa fayyadamoo taasisaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2016 (FBC) – Iisheetiiviiwwan qonnaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessanirratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Misoomaa Magaalaafi Manneen Godina Arsii Lixaa ibse.

Mootummaan diinagdee hawaasa fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Abdurazzaaq Abdulqaadir ibsaniiru.

magaalota godinichaa keessatti hojiilee jiruufi jireenya hawaasa fooyyessan hedduun hojirra oolaa jiraachuu eeraniiru.

Inisheetiiviiwwan furdisa loonii, misooma aannanii, horsisa lukkuu, oomisha midhaanii, muduraafi kuduraalee hojirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuun eerameera.

oomisha garaagaraa lafa xiqqoorratti oomishuun, wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuurratti karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsiitti, hojiileen qonna magaalaa kanneen akka horsiisa horii, Misooma foonii fi aannanii, lukkuu, killee, kuduraa fi muduraa, oomisha midhaanii fi kan biroon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.