Fana: At a Speed of Life!

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Kibbaa qorannaa vaayrasii koroonaa eegale

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Naannoo Kibbaa qorannaa vaayrasii koroonaa eegale.
 
Inistiitiyuutichi guyyaatti namoota 96f qorannaa taasisuu akka danda’u Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibbaa beeksiseera.
 
Hojiin laabraatoorichaas bakka itti aanaan preezdaantii naannichaa obbo Ristuu Yirdaawii fi hoggansi biroon argamanitti eegalchiifameera.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuuf kallattii mootummaan kaa’en iddooleen qorannoo babal’ifamaa jiraachuu obbo Ristuun ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.