Fana: At a Speed of Life!

Inistiityuutichi kitaabolee miiliyoona 3 ol onlaayiniin gurmeessera

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Inistityuutiin Innooveeshinii fi Teeknooloojii kitaabole miiliyoona 3 ol onlaayiniin gurmeessuu danda’eera.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Abrahaam Balaayii fi hoggantoonni hojii olaanoon ministeerichaa sochii hojii inistiityuutichaa daawwataniiru.

Insitiityuutichi sirna bulchiinsa konkolaachiftootaa, itti fayyadama imeeylii dhaabbilee, sirna bulchiinsa waraqaa eenyummaa fi baajii hojjettootaa, sirna qindoomina bulchiinsa geejibaa, sirna bulchiinsa barnoota olaanoo fi sirnoota biroorratti appilikeeshinii diriirsuu fi guddisuu beeksiseera.

Kanarra darbees odeeffannoowwan abbummaan kennameef, dhimmoota seeraa, barnoota olaanoo, dhimmoota biroo kan of keessatti qabate miiliyoona 3 fi kuma 37 fi 443 onlayiniin fayyadamtoota biraan ga’uu daayreektarri olaanaan inistiityuutichaa obboo Saanduukaan Dabbabaa himaniiruu.

Odeeffaannoon biyyaalessaa innooveeshiinii qoratamee xumurramun yeroo dhiyo asitti akka ifoomu ragaan ministeericharraa arganne ni muul’dhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.